Barreessaan koree basaasota wayyaanee kan damee Adaamaa Tigirtichi Mazgabuu jedhamu kan dhiiga ilmaan Oromootiin dhihoo duroomee konkolaataa fe’umsaa 3 as kaluu kana bitate kanneen ajjeefaman keessatti akka argamus Humni Addaa WBO tarkaanfii kana fudhate beeksiseera.
Humni Addaa WBO Miseensota Koree Basaasota Wayyaanee Baha Shawaa Keessatti Iccitiidhaan Ijaaramuun Barattoota Oromoo Milishuu (Abdii) Mallasaa fi Bilisummaa Lammii dabalatee ilmaan Oromoo ajjeesisuu, hiisisuu fi yakki adda addaa akka irratti raawwatamu ajaja dabarsaa turan irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen 3 ajjeese. Waxabajjii 19, 2014 Humni Addaa WBO miseensota Koree basaasota wayyaanee namoota 15 of jalaa qabu iccitiidhaan ijaaramuun Baha Shawaa (Adaamaa, Bushooftuu, Mojoo, Hoolancitii) fi manneen barnootaa godinicha keessa jiran keessatti barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoo basaasuun akka ajjeefaman, hidhamanii fi dararaman hoggana kennaa turan galgala keessaa sa’aa 8:25 irratti tarkaanfii magaalaa Hoolancitii keessatti basaasota korichaa kan damee Adaamaa walgahii dhoksaa geggeeffataa turan irratti fudhateen 3 battalumatti ajjeesuun gumaa barattoota Oromoo Milishuu Mallasaa fi Bilisummaa Lammii Caamsaa 16, 2014 magaalaa Adaamaa keessatti koree kanaan ajjeefamanii baasuu isaa oduun SBO dhaqqabe mirkaneesseera.
Barreessaan koree basaasota wayyaanee kan damee Adaamaa Tigirtichi Mazgabuu jedhamu kan dhiiga ilmaan Oromootiin dhihoo duroomee konkolaataa fe’umsaa 3 as kaluu kana bitate kanneen ajjeefaman keessatti akka argamus Humni Addaa WBO tarkaanfii kana fudhate beeksiseera.
0 Comments
Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) 26th Session of United Nations Human Rights Council Geneva, Palais des Nations, Presented By :Garoma B. Wakessa : Executive Director of HRLHA June 19, 2014 Introduction: It is common in democratic countries around the world for people to express their grievances/ dissatisfactions and complaints against their governments by peaceful demonstrations and assemblies. When such nonviolent civil rallies take place, it should always be the state’s responsibility to respect and guard their citizens’ freedom to peacefully assemble and demonstrate. These responsibilities should apply even during times of political protests, when a state’s own power is questioned, challenged, or perhaps undermined by assemblies of citizens practicing in nonviolent resistance. If a government responds to peaceful protests improperly, a peaceful protest might lead to a violent protest- that could then become an intractable conflict. Government agents, most of all the police, must respect the local and international standards of democratic rights of the citizens during peaceful assemblies or demonstrations. Read Full pdf (Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 17, 2014) Gootichi Humna Addaa WBO Godina Dhiha Oromiyaa Waxabajjii 06, 2014 Baha Wallaggaa Ona Haroo Limmuu daangaa bulchiinsa Benishaangulii fi Oromiyaan waldaangessu bakka Luugoo Booqaa jedhamutti tarkaanfii haxxee waraana Wayyaanee konkolaataan socho’aa ture irratti fudhateen 7 ajjeesee, kanneen 10 ol ta’an ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Dhiha Oromiyaa beeksiseera. Yunversitii Adaamaa Damee Asallaa Keessatti Tika Wayyaanee Ta’uun Namoonni Lama Qaxaraman.15/6/2014 Barattooti Oromoo lama Departmant Natural Resourec wagga 3ffaa baratan FDG mooraa keessatti ka’u dura akka dhaabbataniif dabballee Wayyaanee ta’anii hojjechuu erga eegalanii bulbbulee jira. Haalli kun itti fufee yero ammaa kanatti mindaa dhaabbataan hojiii tikaa fi dabballummaa akka hojjetaniif mooraa keessatti qaxaramuu isaanii beekame.
Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi qawween barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan duubatti deebisuu waan hin dandeenyeef tooftaa dolloomaa fayyadamuun basaasota moorichatti naquun waan FDG dhaamsu itti fakkaatee gochaalee akkasiin gantoota seenaa xumuraawaa hojjetan kaayyachaa jira. Yuunversitii Adaamaa dame Asallaa Keessatti hojii gaafatama Tikaa akka hojjetaniif kanneen ramadaman keessaa lama:-
Mootummaan Wayyaanee sakkatta’insa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeessuu jabeessee itti fufe. Kaleessa galgala irra eegaluun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti sakkatta’insii cimaan barattoota Oromoo irratti gaggeeffama jira.
Humni waraanaa fi basaastuun(tikni) wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti uffata sivilii uffaachuun barattoota shororkeessuu irratti argamuu, haaluma kanaan balbala Seensa Mooraa Yuunivarsiitii irratti fi kaaffee barattootni shayee irraa dhugan irratti poolisootni fi baastootni shan shaniin ramadamuun sakkatta’insi cimaan Mooraa yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeeffama jira. Ajjeechaa Ilmaan Oromoo irratti Dhoksaan Hammarreessa Keessatti Barootaan Raawwatamaa ture Ifa Bahe13/6/2014 Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 13, 2014 Ajjeechaan jumulaa, hidhaa, hiraar, saaminsaa fi cunqursaan bittoota Itophiyaan ummatoota Itophiyaa irra gahu kan barootaan lakkaa'ame, wayyaa'uu hin dandeenye dhaalamaa as gahe dha. Hammeenyi raawwatamu kunis ijaarsa empaayera Itophiyaan asitti kan mudate qofa miti. Ijaaramuu Itophiyaa har'aan durattis Kaaba biyyattiitti kan bittootan raawwatamaa ture dha. Maaliif? gaaffii jedhuuf deebiin gabaabaan mootummootni aangootti kan dhufan seeraani fi hayyama ummataan ala tahuu irraa ti. Waan taheef bituuf, ummatni jilbeenfatee isaan jalatti akka bulu taasisuuf gara-jabinaan fixu. Jiilchanii, qor-qalbii cabsuun bittaa isaaniitti iggitii godhachuu barbaaddu. Aangoon hayyama ummataan alatti ykn seerawaa hin taane ammoo ummata biratti fudhatama hin argatu. Kanaaf hariiroon ummataa fi humna aangoo siyaasaa humnaan dhuunfate gidduutti uumamu kan ajajaa fi ajajamaan alatti kan biraa tahuu hin danda'u. --Full Text - Afaan Oromoo --Full Text - English --Full Text - Amharic Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Waxabajjii 12,2014
Waxabajjii 12/2014 Waraannii Mootummaa Wayyaanee Godina Lixaa Shawaa aanaa Gindabarat Magaalaa Kaachiis irra qubatee jiru barattoota irratti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii (3) ajjeese jira. Mootummaan Wayyaanee duula dugugginsa sanyii genocide uummaata Oromoo irraatti banee jiru jabeessuun itti fufe. Wayyaaneen humna waraanaa of harkaa qabu uummata Oromoo irratti bobbaasuun yeroo amma kanatti uummata nagaa irratti waraana banuun dhukaasee ajjeesa jira.Addatti ammoo barattoota Oromoo adamsee rasaasaan reebee ajjeessuu itti fufee jira, haala kanaan barattootni Oromoo kutaa 12ffaa bara kana xummuran sadii(3) 1. Barataa Damee Balchaa Baanee 2. Barataa Caalaa Margaa kanneen 3. Barataa Baqqalaa Tarrafaa Jedhaman keessatti argamu Since the Oromo Protests began, Ethiopian security forces responded to the peaceful protests by massacring, imprisoning and torturing innocent students. Government forces famously known as the (Agazi Commandos) have been abducting university students both at school and home. Furthermore, thousands of students have been expelled from universities and are continuously terrorized outside of school. Due to Ethiopia’s repressive policies and lack of free media not much is known about the current crisis. Continuous murders and arbitrary arrests of Oromo students go unreported. However, Oromo groups in the diaspora have organized and rallied in solidarity with Oromo Protests to pressure the international community to condemn human rights violations in Ethiopia. This allowed for some media coverage from the international community, but not enough to get mass media attention.
Gabaasa guutuu Gabaasa Godina Wallagga lixaa magaalaa Gimbii irraa har’a Waxabajjii 05,2014 addeessuun,ammallee mootummaan abbaa hirree mootummaan Wayyaanee EPRDF uummata Oromoo humnaa fi aangoo isaatti fayyadamuudhaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun isaa ifaa ta’ee jira. Akka gabaasi Qeerroo magaalaa Gimbii addeessutti FDG kanaan dura lixa Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti dho’ee finiinaa tureen namoota muraasa isintu adda duree ta’ee uummata qindeessuu irratti hojjetaa turtan jechuudhaan maanguddootaa fi abbootii maatii 4 torbee kana keessa magaalaa Gimbii irraa funaanuudhaan mana hidhaa keessatti reebaa jiraachuun ishee poolisoonni kanneen uummata Oromoof garaan isaanii gubatu ragaa bahaa jiru jedha Qeerroon. |
Author
I am an oromo nationalist who is trying to make our poeples voice heard all over the world! Archives
October 2015
External Links
Human Rights Groups |