![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/1726812.jpg)
WBOn Harergee Lixaa keessa sosso'uun diina haleelaa jiru, Hagayya 19, 2013 Ona Mi'eessoo bakka Irraan-bu'ii jedhamutti humna diinaa sakattaaf bobba'ee ummata hiraarsaa jiru irratti tarkaanfii fudhateen loltoota 5 irraa ajjeesee 11 madeesse. Gama biraan gootichi WBO Hagayyaa 22/2013 Godina Wallaaggaa Bahaa miseensota tikaa Wayyaanee lama tarkaanfii irratti fudhateen ajjeesee jira.
Miseensotni tikaa Wayyaanee du'aan adabaman Takilee Mikaa'el Atsbehaa fi Asfaaw Abbabaa jedhamn mootummaa Wayyaaneen Finfinnee irraa kan Ona Limmuu Galiilaatti ramadamanii hojii diinummaa ummata Oromoo irratti hojjachuuf bobbaafamani dha. Miseensotni tikaa bakka Tulluu Kormaa jedhamutti ajjeefaman kanneen irraa waraqaan eenyummaa isaanii ibsu argame akka addeessetti waajjira tikaa Wayyaanee ol aanaa waliin kan hojjatan tahuun mirkaneessa. Kana malees itti fufuun humni addaa WBO waraana diinaa haleele. Godina Wallaaggaa bahaatti humni addaa WBO tarkaanfii haleellaa Waraanaa Wayyaanee sakkaata'insaaf baateeirraatti fudhate. Godinaa Wallagga Bahaa, Onaa Limmuu Galiilaa bakka Baddeessaa Gammadaa jedhamee beekamuutti humni addaa WBO waraana Wayyaanee sakattaa;insaaf bobba'ei haleelee humna diinaa keessaa 3, kan ajajaan 50 Tashoomaa Xilahuun jedhamuu keessatti argamu ajjeesuu ajajni WBO Goddinaa Baha Wallaggaa hubaciise. Haleellaa Adoolessa 20, 2013 kanaan kanneen ajjeefamaniin alatti humna diinaa keessaa 4 madaa'uu fi konkolaataan ittiin sosso'aa turan lakkoobsi gabatee isii OR03284 tahe barbadeeffamuu ibsi WBO dabalataan hubachiisa. WBOn tarkaanfii kana kan fudhate humna diinaa maqaa sakattaa jedhuun Godinaa Baha Wallaggaa Onoota adda addaa keessatti bobba'uun ummata nagaa goolaa jiru adabuuf tahuu ajaji humni addaa WBO beeksisee, hanga diinni gochaa hammeenyaa ummata irratti raawwatuu hin dhaabnetti tarkaanfii fudhatuu kan bal'inaan itti fufu tahuu beeksise.
I.U.Of!!