Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa bahe Dhaabni Oromoof wareegama hin kaffalle Oromoof qabsaa’e jechuu hin danda’u!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa bahe Dhaabni Oromoof wareegama hin kaffalle Oromoof qabsaa’e jechuu hin danda’u! Oromoon waanjoo garbummaa jalatti kufe jedhee guyyaa tole jedhee bule hin qabu. Guyyaadhaa gara guyyaattu Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa jira. Kun Uummatni Oromoo dhaaba isaaf qabsaa’u cinaa dhaabbachuudhaan qabsoo gaggeessaa akka jiru kan mirkaanessu dha. Kana jechuun ammoo Uummata Oromoof qabsaa’ee hiree Murteeffannaa Oromoo guutummaan mirkaneesseen jira kan jedhu OPDOn Oromoof qabsoo kamuu akka hin taasisne ykn fedhii Uummata Oromoo akka hin guutneef mirkaneessa. Osoo OPDOn Uummata Oromoof qabsaa’ee Mootummaa Dargii hundeedhaan buqqise tahe qabsaa’ota OPDO keessaa wareegaman ni qabaata ture. Garuu OPDO keessaa ykn ammoo Miseensa OPDO tahee kan Uummata kanaaf wareegama lubbuu kaffale tokko illee hin jiru.
0 Comments
|
Author
I am an oromo nationalist who is trying to make our poeples voice heard all over the world! Archives
October 2015
External Links
Human Rights Groups |