![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/614285193.jpg)
Gabaasa Godina Wallagga lixaa magaalaa Gimbii irraa har’a Waxabajjii 05,2014 addeessuun,ammallee mootummaan abbaa hirree mootummaan Wayyaanee EPRDF uummata Oromoo humnaa fi aangoo isaatti fayyadamuudhaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun isaa ifaa ta’ee jira. Akka gabaasi Qeerroo magaalaa Gimbii addeessutti FDG kanaan dura lixa Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti dho’ee finiinaa tureen namoota muraasa isintu adda duree ta’ee uummata qindeessuu irratti hojjetaa turtan jechuudhaan maanguddootaa fi abbootii maatii 4 torbee kana keessa magaalaa Gimbii irraa funaanuudhaan mana hidhaa keessatti reebaa jiraachuun ishee poolisoonni kanneen uummata Oromoof garaan isaanii gubatu ragaa bahaa jiru jedha Qeerroon.