![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/522588985.jpg?163)
Tarkaanfii Sukanneessaa Libiyaa keessatti fudhatame irratti Ibsa ABO
Lammiilee mootummaa dirmatuu fi lammii dhaqqabuuf dhihooti hin qabne , rakkoo fi hiraara jalaa of baasuu fi abdii nuuf dabra jedhuun gammoojjii hamaa qaxxaamuree Libiyaa gahe irratti tarkaanfii sukaneessaa ISIS(Mootummaa Islaamaa) ofiin jedhuun lammiilee Saboota Iyophiyaa irratti fudhatame tarkaanfii namoomaa ala kan tahee fi dhala namaa kamuu irraa hin eegamne waan taheef ABO gadi jabeessee balaaleffata. Gochaan bineensummaa akkanaa ulaagaa kamiinuu fudhatama kan hin qabne tahuus dabalee hubachiisa. Tarkaanfii loogummaa amantii irratti hundaa’uun namoota harka qulleeyyii fi sivilii irratti fudhatame kanaan gadda itti dhaga’ame maatii lammiiwwan gaaga’amni irra gaheef ibsaa jajjabina hawwaaf. Loogummaa bifa kamuu ummataa fi lammiilee miidhu kamuu jabinaan kan dura dhaabbatu tahuus mirkaneessa. Hiree kanaanis hundee rakkoo lammiilee Itophiyaa balaaf saaxile kana hawaasni addunyaa akka hubatu yaadachiisuu fedha.
Empaayerri Itophiyaa empaayera bittaan abbaa irrummaa irratti dagaagee lammiileen mirga dhablee taasifamuun keessatti hiraarfaman,
Biyya hacuuccaan siyaasaa fi dhiittaa mirga ummata fi ilma namaa hadhaawaa tahee keessatti gaggeeffamu tahuu irraa fi tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa bahuu dadhabuu irraa lammiileen dhibbeentaa 40 ol tahan hiyyummaa maayyiin keessatti dhama’aa jiraatan,
Empaayera saaminsaa fi malaammaltummaan keessatti saaree murni bicuu keessatti duroomee, wayyabni keessatti hagabee jiraatu,