Haala kanaanis mootummaan Wayyaanee seeraa haaraa mirga baratoota ugguru barruu fuula torba qabu Wayyaaneen baastee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa fi doormii baratootni keessa jirattan hunda irratti maxxansitee goototni baratootni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo sabaaf sablamootni biyyatti fudhatama dhabsiisuun bakka Wayyaaneen maxxansitee walitti funaanuun ibiddan gubuun fudhatama dhabsiisan, seeraa jaamaan uummata itti miidhuuf baastu dhabamsiisuun Wayyaanee qaanessan. gochaan kun mootummaa Wayyaanee maraachee jira.
Yuunivarsiitiin Jimmaa tajajiila baranootaa kennuu irra gara tajaajila Waraanaa kennuutti darbee jira. Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni baratootni Oromoo guyyoota shaniif haala itti fufinsa qabuun diddaa sirna abba irree Wayyaaneef qaban itti fufanii jiru. Goototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa hanga gaaffiin keenyaa karaa nagaa nurraa fuudhamee deebiin nuu hin kennamnetti FDG jabaatee kan itti fufu ta’uu hubachiisuun diddaa isanii nyaata dhaabuun, barnoota dhaabuuni fi qabsoo FDG Qeerroon gaggeessuu itti fufuuf murteeffatan.
Haala kanaanis mootummaan Wayyaanee seeraa haaraa mirga baratoota ugguru barruu fuula torba qabu Wayyaaneen baastee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa fi doormii baratootni keessa jirattan hunda irratti maxxansitee goototni baratootni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo sabaaf sablamootni biyyatti fudhatama dhabsiisuun bakka Wayyaaneen maxxansitee walitti funaanuun ibiddan gubuun fudhatama dhabsiisan, seeraa jaamaan uummata itti miidhuuf baastu dhabamsiisuun Wayyaanee qaanessan. gochaan kun mootummaa Wayyaanee maraachee jira.
0 Comments
Godinaalee oromiyaa tokko tokko keessatti diddaan kallattii adda addaan wal qabatee kaaa jiraachu isaa yeroodhaa yerootti gabaafamaa jira. Gabaasaa Qeerroo Wallaggaa,Finca’aa irraa hara Guraandhala 25 addeessuun warshaa Shukkaaraa Fincaatti argamu irraa hojjetootni hojjetan gaaffii dabaliinsa miindaan kan wal qabatee diddaa jabaan uumamee jira. Gaaffin kunis torban tokko dura kan eegale yoo tahu sochii Qeerroon kan buuura kan buuura tae mootummaa wayyaane irratti hojjetootni gaaffii deebii argachuu hin dandeenye dhiyeessuu irraan gama hundaan diddaan akka jabaatee kau taee jira,ammatti gaaffiin hojjetoota warshaa kana irraa dhiyeessan mootummaa irraa deebii hin argatin waan jiruuf guutummaan guututti hojjetootni warshicha hojii dhaabuu murteessuun dhaamsa waliif dhaamaa jiru,waraqaan qeerroos naannichatti kan bittimfamaa jiruudha,daandiin gara warshaa sanii geessuus diddaa hojjetootaan kan kaee cufamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Gama kanaan gabaasaan jiru itti fufa!
Gabaasaa Qeerroo Guraandhala 25 godina addaa Finfinnee Sulultaa irraa addeessuun mootummaan wayyaanee yeroo ammaa ABO qofa osoo hin taanee sodaan isaa miseensotuma isaayyuu shakkuudhaan sodaa keessa galee jira,seelii ABO fi seelii keenya adda baafachuu qabna jedhani labsii labsaa jiru magaalaa kana irratti,kaleessa;guraandhala 24 irraa kaasanii miseensota OPDO kan taam hunda walitti qabuudhaan wal gayii ariifachiisaa qaama nu hordofuu fi nun hordofne adda baasuudha jedha mootummaan jedhuun hanga guyyaa 5niitti walgayiin wayyaanee magaalaa Sulultaa irratti dhimma kanaaf adeemsifachaa jirti. Wal gayii kana irratti namoota hirmaatan addatti ammo miseensa ABOti jedhuun shakkaa ture mootummaan wayyaanee tikoota isaatiin gara qorannaa federaalatti akka fuudhataman taee jira,isaan keessa kan maqaan nama lamaa nu gahee jiru:
1. B/saa Tamasgeen Hirkoo 2. B/saa Guddataa Takkaaliny Oliiqaa Diddaa barattoota Oromoo irraa sodaa kan godhate mootummaan wayyaane seera doorsisaa haaraa baase.22/2/2014 Mootummaan Abbaa Irree wayyaanee FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka guutummaa Oromiyaatti gaggeessaa jiru fi addaatti immoo Godina dhihaa Oromiyaa keessaatti sochii Qeerroon irraa jiru irraa sodaa fi naasuu keessa seenuun seeraa itti gootota baratoota Oromoo ittin sodachiisuu bulee bulee baasuun FDG’ gaggeeffama jiru irra uggura ka’a jiraachuun ittuma gootota baratoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo FDGf kan kakasee malee dubbatti kan deebisaa hin jirre ta’uu qeerroon waliif labsee jira. Haaluma kanan Ergamtootni Wayyaanee bulchitootni Yuunivarsiitii Jimmaa ergama ilmaan TPLF fi EPRDF irra itti darbee akkama jirutti of keessa dabarsuun FDG dura ittin dhaabbachuuf seera Wayyaaneen baase, kan mata dureen isa, ‘Namni seera mootummaa keenyaa baaseen mormee argame waggaa tokko oliif barnoota irra arii’atama’ jedhuu mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa bakkoota hundaa fi bakka doormii baratoota hundatti maxxansuun, barruudhuma kana irratti xiqqoo gadi siquun namni seera mootummaa keenyaan mormuu kamuu fuldurattis Yuunivarsiitii fi kolleejjii mootummaatti barachuu hin danda’uu kan jedhuu ibsuun ta’ee jedhee mootummaan wayyaanee wan qabee gadhiisuu dhabuun baratoota shororkeessaa jiraachuun ibsamera. Humni addaa WBO Godinaa Wallagga Bahaa keessa sosso'u tarkaanfii diina irratti yeroo irraa gara yerootti fudhatuun abdii fi gaachana ummata Oromoo tahuu isaa caalaatti mirkaneessee jira. Diina ummata irratti roorrisu adabuu kan itti fufe humni addaa WBO Amajjiii 31, 2013 Godina Wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa bakka Maqa-laalii jedhamutti loltota Wayyaanee sakkattaaf bobba'an haleeluun loltoota 4 irraa ajjeesee 7 ol madeesse. Loltoota Wayyaanee keessaa: 1. Zallaqee Taaddalaa, 2. Gannatii Mashashaa, 3. Baqqalee Xilaahuun, 4. Zabbanee Ababee kanneen ajjeefaman tahuu kan hubachiise ajaji humna addaa WBO Godinaa Wallagga Bahaa, 1. Abiree Faasil, 6.Mokonnoon Atsibaa, 7.Fiqireesillaase Mangistuu, kanneen jedhaman kanneen haalaan madaa'an keessaa tahuu ibsa baaseen dabalee beeksisee jira. I.U.Of!! Sidama National Regional State | February 20, 2014
Kukkissa, Our Reporter from Sidama Capital, Hawassa ‘Imprisoning the weakest groups of criminals leaving key players makes no change in Sidama land and beyond’ The unsettling situation unfolding in Sidama region is becoming worse than it’s even been since TPLF led regime assumed power in June 1991. The discontents between the regime’s regional/Sidama Zone authorities who are labouring day and night to implement their and their federal bosses’ anti-Sidama policy on federalising Sidama capital city which has been vigorously rejected by the Sidama people of all walk of life on one hand; ongoing Sidama nation’s constitutional quest for regional self-administration on the other- makes the situation so complicated and profoundly difficult. To date the regime’s illegal and non-representative cadres are plotting against the rights of the Sidama nation -seriously undermining their own constitution which states otherwise. The inner sources from Sidama land discloses this evening that the regime is showing that it isn’t resting at all. Diddaan Uummata Oromoo mootummaa wayyaanee irratti gaggeeffamu jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni nyaata lagachuun sirna mootummaa wayyaanee mormuu itti fufan. Dhaadannoowwan mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa haa dhaabu, kanneen ajjeesanis seeratti haa dhiyaatan jedhus jabaatee itti fufee jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gocha kanaan kan baarage hojjettoota mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dhalootaan Oromoo tahan kan barattoota qindeessu isini jechuun mana hidhaatti ukkaamsaa jiran. Yeroo ammaa kanas barattootnii fi hojjettootni mooraa Yuunivarsiitii mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu dorgommii tapha kubbaa miilaa Yuunivarsiitiilee keessatti gaggeeffamaa jirus waraanaan tiksuun yeroon xumuranii bahuuf tattaafachuu irraan darbanii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dame Harar keessattis dafanii xumuruuf eegalanii jiran. Ilmaan Oromoo diddaa kana keessa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman
1. Obbo Abdurhaman Mohaammed Itti gaafatama Shiiftii nyaataa 2. Kamaal Ahmed hojjetaa mana nyaataa 3. Gizaachoo Damissee hojjetaa mana nyaataa 4. Raffisaa Geetachoo barataa Water Engineering waggaa sadaffaa keessatti argamu. Mootummaan Wayyaanee shira kamuu dalaguun diddaa dura dhaabbachuuf yaalus diddaan Barattootaa fi Uummataa daran jabaatee itti fufee jira. Guraandhala 16, Qeerroo magaalaa Sulutaa Irraa
(Qeerroo) – Diddaa magaalaa Sulultaa irratti gaggeeffameen abbootni maatii 5n tikoota wayyaaneetiin qabamanii bakka buuteen isaanii dhamabee jira. Isaan keessaa miseensi OPDO nama 3 yoo tahu isaan kaan hafan namoota qabsoo keessatti hirmaannaa hin qabneedha,yakki tikootni wayyaanee ittiin qabatan isin ABO dha,uummata kan ijaaru,ammas waraqaa kan barreessee magaalaa kana keessa bittimse isiniidha,diddaa ABOn hoogganamee oromiyaa keessatti finiinaa jiru isinuma kan akka keessaniiti jedhuun miseensotuma isaa fi namoota nagaa qabuun yeroodhaaf bakka namootni kun itti hidhaman dhabamee jira, magaalaa kana kana keessatt FDG qabate maadhee Iftuu Bariitiin waraqaan dhaadannoo fi barruun waamichaa uummata hundumaaf hiramee jira,sirboonni qabsoo halkan guutuu kan sirbamaa bule yoo tahu,lukkuulee wayyaanee bakka olaanaa qaban,kaabinota wayyaaneef akeekkachiisni itti kennamuudhaan hidhattoota wayyaanee qabdoo oromoo deeggeran waliin saa 2 guutuu daandiin konkolaataa uummata jiraattoota magaalichaatiin sirbaa fi dhaadannoon gaggeeffamaa akka ture Qeerroon magaalaa kanaa gabaasee jira.Namoota miseensa isaa taanii fi namoota nagaa qabaman maqaan isaanii akka armaan gadiiti. 1. Obbo kaachoo Qajeelaa-abbaa maatii 6,dhimma nageenyaa magaalichaa. 2. Aaddee Biifee Gulummaa-miseensa OPDO-barsiistuu 3. Dargaggoo Birhaanuu Tarreessaa-hojjetaa dhuunfaa 4. Obbo Seefuu Gazzaany-waajjira faayinaansii keessa kan hojjetan abbaa maatii 3ti, 5. Barataa ogummaa fi teknikenii;Shufeeraa Ligdii Kanneen jedhaman maatii isaani irraa Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 12:00PM irratti kan qabamanii hanga haraatti bakka isaan itti hidhatam kan hin argamneedha. - Qeerroo Ethiopia uses Italian surveillance to hack their own journalists in US and Europe – report
February 14, 2014 (Voice of Russia) — The Ethiopian government used a new Italian surveillance program to hack into computers of their own journalists located in the US and Europe. A new report by Citizen Lab have confirmed the speculations regarding the Ethiopian government hacking into the computers of Ethiopian journalists in the US and Europe. According to the report, all journalists belonged to the Ethiopian Satellite Television (ESAT). ESAT is a news organization, which consists of mainly Ethiopian expats. In order to get access to their files the authorities used a program, developed in Italy, by Italian company Hacking Team. This update is just another example of various government organizations around the world using local surveillance companies for espionage. According to Morgan Marquis-Boire, a security researcher: “This stuff is sold widely, and as such it is also used widely. This type of targeted surveillance is a common method for tracking journalist in the in the diaspora.” Gabaasa Qeerroo Finfinnee Gurraandhala 14,2014
Uummatni Oromoo guyyaa tokko illee mootummaa wayyaaneefis tahe sirna garboomfataa darbeef jilbeeffatee bulee hin beeku. Mootummoota abbaa irree of irraa darbuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa as gahe. Ammas kun daran jabaachaa kan dhufe dhaadannoowwan sirna mootummaa wayyaanee morman magaala Finfinnee keessattii fi naannawa Finfinnee Buraayyuu, Sulultaa fi Sabbataa keessatti haalaan bittinnaauun Uummata Oromoof waamicha mootummaa wayyaaneef ammo dhiphina guddaa tahee jira. Mootummaan wayyaanee haala kana dura dhaabbachuuf Poolisoota hedduumminaan bobbaasus Uummatni gamtaan waajjira bulchinsaa deemuun gaaffii mirgaa gaafachuu irratti argama. Waraqaan waamichaa kun Uummata dhaqqabes Uummatni dirqama isaa akka bahuuf tahuu qeerroon jabeessee hubachiisa. |
Author
I am an oromo nationalist who is trying to make our poeples voice heard all over the world! Archives
October 2015
External Links
Human Rights Groups |