![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/4426738.jpg)
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 17, 2014) Gootichi Humna Addaa WBO Godina Dhiha Oromiyaa Waxabajjii 06, 2014 Baha Wallaggaa Ona Haroo Limmuu daangaa bulchiinsa Benishaangulii fi Oromiyaan waldaangessu bakka Luugoo Booqaa jedhamutti tarkaanfii haxxee waraana Wayyaanee konkolaataan socho’aa ture irratti fudhateen 7 ajjeesee, kanneen 10 ol ta’an ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Dhiha Oromiyaa beeksiseera.