![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/554250149.jpg)
Gabaasi Qeerroo magaalaa Dambi Dolloo irraa Caamsaa 21,2014 addeessuun har’a barattootni mana barumsaa Qellem barumsa dhaabuudhaan gara gaaffii keenya bu’uuraa kan deebi’uu dideetti deebina jedhuun mooraa mana barumsaa keessatti wal gayuudhaan diddaa eegaluuf gana sa’a 2:30 irratti waltti qabaman, Lukkeen waraanni wayyaanee eessaa dhufeen isaa fi eenyumaan isaa kan hin beekamne barattoota kana akka amala isaanii reebuuf gara mooraa mana barnootatti ol gamuu yoo eegalan barattootni tokkommudhaan barsiisota dabalatee dhagaadhaan of irraa qolachaa akka turan Qeerroon gabaasee jira, barataan guyyaa guutuu mooraa keessa waraanni wayyaanee mooraa manicha barumsaatti marsanii hamma ammaatti akka jiran gabaasni Qeerroo addeessa. Barattootni hamma dhugaanii ifa bahutti hamma gaaffiin uummata keenyaa deebi’utti barumsa akka hin baranne murtoo dhumaa fi beeksisa baasanii maxxansanii akka jiran gabaasni addeessa.