Har’a Adaamaa Keessatti Sabboontota Oromoo Waraana Wayyaaneen Ajjeefaman
Mootumaan Wayyaanee rasaasaan reebee ajjeesuun isa gahuu didnaan magaalaa keessa deemee ilmaan Oromoo akka bineensaa adamsee ajjeesuu irratti argama. Kan nama dhibu guyyaa lama dura Adaamaa keessatti gaaffii mirgaa gaafachuudhaan barattootaa fi hojjetoota garagaraa nama 40 ol hidhuudhaan mana hidhaa keessatti dararamaa turan.
- Milishuu Mallasaa- Bakki Dhaloota isaaa Amboodha,Hojiin isaa Daldalaadha. Akkasuma mucaan kuni waggaa 8 mana hidhaa ture bahe, waggaa sadii mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti waggaa 5n ammoo Qaallittiitti hidhamee bahe.
- Bilisummaa Lammii-Bakka dhalooti isaa Aanaa Lumee bakka Ejeree jedhamtuudha.Barataa Rift Vaaliy Yuuniversitii koollejjii barataa Bisines Manajimentiidha. Yeroo darbee kan hidhamee baheedha. Namoota kana suuraa isaanii boruu dhaamna.