Bulchiinsi Yuuniversitii Adaamaa Barattoota Oromoo Dabarsee Akka Kennu Ajaji Wayyaanee Irraa Itti Kenname. Gaaffiin Barattootaas Sodaa Tookkoon Malee Itti Fufe!
Gabaasa Adaamaa
Guyyaa irraa gara guyyaatti barattootni mana barumsaa garagaraa fi koollejjii akkasuma Yuuniversitiwaan keessatti dabarfamanii harka diinatti kennamuudhaan hidhamaa jiru,kun guyyuu kan itti fufaa jiruudha. FDG Ebla 2015 Oromiyaan bakka hundaatti wal qabatee itti fufuun isaa waan mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa alcheef jecha barattoota Oromoo sabboonoo tahan tikoota Wayyaaneen adamfamanii qabaman illee gaaffiin mirgaa daran jabaachuun itti fufe.
Har’a Caamsaa 15/2014 waaree booda mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Adaamaa keessaa barattooti Oromoo 15 ol akka barbaadamaa jiran beeksisa baasuun akka hordofamanii dhiyaatan bulchaan Yuuniversitii kanaa beeksisa baasee ture haala kanaan har’a barattootni 6 harka loltoota badii tokkoon malee loltoota Wayyaaneen qabaman.
Qeerroo