Gabaasa Qeerroo Adaamaa,Caamsaa 20,2014
Gabaasa Qeerroo magaala Adaamaa Caamsaa 20,2014 akka addeessuun ammaan dura sabboontotni barattootni Oromoo Yuuniversitii Adaamaa irraa hidhaman muraasni isaani tasa bakka buutee isaanii dhabamee ture,akka gabaasaa kanaatti odeeffannaan isaa karaa caasaa mootummaa Waayyaanee irran dhufeen barattoota sadii Yuuniversitii magaalaa Adaamaa irraa adda godhee mootummaan Wayyaanee isin FDG akka magaalattis tahe Yuuniversitii keessatti adda durummaan gaggeessaa turtan,jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessitu fi sochii qabsoo bilisummaaf dargaggoonni deeman waliin wal qabsiisuun bakka biraatti dhoksaadhaan reebicha hamaa isaan irratti raawwachaa turan. Amma garii isaanii gara mana hidhaa Maa’ikelaawwii bakka lubbuun ilmaan namootaa keessatti dhumte fidani jiru, kan hidhamanis namoota irraa adda baasanii bakka iji namaa hin argine dukkanaan golgalamee jiru keessatti dararamaa jiru. Isaan keessaa barataa Mokonin Kabbadaa kan jedhamu reebichi hamaan isa mudatee Hosptala galee jiraachuu isaa gabaasi maadhee Wayyaanee keessaa nu gahe addeessa.
Gabaasa Guutuu