Godinaalee oromiyaa tokko tokko keessatti diddaan kallattii adda addaan wal qabatee kaaa jiraachu isaa yeroodhaa yerootti gabaafamaa jira. Gabaasaa Qeerroo Wallaggaa,Finca’aa irraa hara Guraandhala 25 addeessuun warshaa Shukkaaraa Fincaatti argamu irraa hojjetootni hojjetan gaaffii dabaliinsa miindaan kan wal qabatee diddaa jabaan uumamee jira. Gaaffin kunis torban tokko dura kan eegale yoo tahu sochii Qeerroon kan buuura kan buuura tae mootummaa wayyaane irratti hojjetootni gaaffii deebii argachuu hin dandeenye dhiyeessuu irraan gama hundaan diddaan akka jabaatee kau taee jira,ammatti gaaffiin hojjetoota warshaa kana irraa dhiyeessan mootummaa irraa deebii hin argatin waan jiruuf guutummaan guututti hojjetootni warshicha hojii dhaabuu murteessuun dhaamsa waliif dhaamaa jiru,waraqaan qeerroos naannichatti kan bittimfamaa jiruudha,daandiin gara warshaa sanii geessuus diddaa hojjetootaan kan kaee cufamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Gama kanaan gabaasaan jiru itti fufa!
2 Comments
26/2/2014 02:47:00 am
Wwa'een hojjetaa Sukar , Fincha'aa Akka Subummaati Hummatnui Oromo Guutumaa Oromia keessa Kan Jiruu nwarshalee Hiddu Diddda irratti kaasu, Abba Biyyumma keenya Agarsiisu, Ijaarmaa Mootumma Habashha Akka dadhabuu Gochuun Qooda Ilamaan Oromo hundumaati, Hata'uu malee Garee Maqaa Oromotiin ijjaarmtee Qabeenya Uumamaa Oromo Sarbisiisa Jiru Maal Jedhuu, Jenne Dura welgaafachuutu nu irra jiraa.
Reply
Abiyu
5/3/2014 08:00:34 pm
Galatoomi Faris, Hundumti keenya dhunfa dhunfatti qooda nurraa eeggamu bahachun diqama Oromummaati!
Reply
Leave a Reply. |
Author
I am an oromo nationalist who is trying to make our poeples voice heard all over the world! Archives
October 2015
External Links
Human Rights Groups |