Yuunivarsiitiin Jimmaa tajajiila baranootaa kennuu irra gara tajaajila Waraanaa kennuutti darbee jira. Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni baratootni Oromoo guyyoota shaniif haala itti fufinsa qabuun diddaa sirna abba irree Wayyaaneef qaban itti fufanii jiru. Goototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa hanga gaaffiin keenyaa karaa nagaa nurraa fuudhamee deebiin nuu hin kennamnetti FDG jabaatee kan itti fufu ta’uu hubachiisuun diddaa isanii nyaata dhaabuun, barnoota dhaabuuni fi qabsoo FDG Qeerroon gaggeessuu itti fufuuf murteeffatan.
Haala kanaanis mootummaan Wayyaanee seeraa haaraa mirga baratoota ugguru barruu fuula torba qabu Wayyaaneen baastee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa fi doormii baratootni keessa jirattan hunda irratti maxxansitee goototni baratootni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo sabaaf sablamootni biyyatti fudhatama dhabsiisuun bakka Wayyaaneen maxxansitee walitti funaanuun ibiddan gubuun fudhatama dhabsiisan, seeraa jaamaan uummata itti miidhuuf baastu dhabamsiisuun Wayyaanee qaanessan. gochaan kun mootummaa Wayyaanee maraachee jira.