![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/8568134.jpg)
Sirni faashistii Wayyaanee mormii hawaasni Muslimaa 'Sagaleen keenya haa dhagahamu' mata duree jedhuun waggoota lamaaf walitti aansee karaa nagaan geggeessaa jiru humnaan dhaamsuuf tarkaanfii gara jabinaa fudhachuu itti fufeera. Sambata dabre Hagayya 3, bara 2013 godinaa Arsii magaalota Kofalee fi naannoo isaa keessatti ummata karaa nagaan sagalee mormii dhageessise irratti humni waraanaa sirnichaa dhukaasa banuudhaan namoota kudhan aduu saafaatiin ajjeesuu fi kudhanoota madeessuun miidiyaalee idil addunyaa hedduu irratti gabaafameera. Namoonni dhibbaan lakkaawaman badii tokkoon maleetti guuramanii hidhaman. Hidhaan kun babal'atee naannoo biraa illee shororkeessaa jira.
Sirni tarkaanfii gara jabinaa kana fudhate muslimoota karaa nagaadhaan 'hogganootni keenya hidhaman haa hiikamani, barsiisa amantii Ahbash jedhamu dirqiidhaan hin fudhannu' jedhanii morman rukutee callisiisuuf jecha 'shororkeessitoota' ittiin jedhee yakkuu irraa hin dhaabbanne. Dhimma amantii keessa akka fedhe harka naqachuu Wayyaanee waan mormaniif qofa 'shororkeessitoota' kan jedhaman musliimonni biyyattii garuu, tarkaanfii shororkeessummaa sobaan itti yakkaman isaanii fudhatu takkaa hin argamne. Waggaa lama guutuuf mormiin geggeessaa turan karaa nagayaan gaaffii isaanii dhageessifachuu qofa ture. Kanas mootummoonni hedduu fi dhaabonni mirga namoomaa idil addunyaa ragaa bahaa jirani.
Full Statement--Afaan Oromo
Full Statement--Amharic