![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/6078585.jpg)
(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 14, 2013)
Humni addaa WBO Godina Wallagga Bahaa keessa sosso'u tarkaanfii Hagayya 12, 2013 fudhateen qabeenya miliyoonaan shallagamu barbadeessuu ajaji WBO Godinaa Wallagga Bahaa beeksise. Humni addaa WBO tarkaanfii kana kan fudhate Ona Haroo Limmuu bakka Yaasoo jedhamutti oggaa tahu qabeenyi barbadeeffames kan inveestera Wayyaanee Ibraahiim Asaffaa jedhamuu ti. Tarkaanfii kanaanis:
1. Saliixa kuntaala 600
2. Boqqolloo kuntaala 800 fi
3. Nuugii kuntaala 400 barbadeeffamuu ibsi bahe ni hubachiisa. Inveestarri Wayyaanee kun qonnaan bultoota Oromoo fi Gumuz naannoo sana jiraatan lafa isaanii irraa ari'uun kan qotataa turee fi ummata dararuun beekamu dha. Ummatootni naannoo addatti ammo ummatni Oromoo tarkaanfii fudhatame kanaan gammachuu itti dhaga'ame ifatti ibsatanii, WBOn gaachanaa fi abdii ummata Oromoo ti jechuun cinaa kan dhaabbatuu itti fufan tahuu beeksisanii jiran.
I.U.Of!!
--Ibsa Guutuu