![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/6232279.jpg)
(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 16,2013)
Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa saboota cunqurfamoo biyyattii irratti gaggeessamaa ture daran jabeessuun itti fufaa jiruun waajjiroota galmee garaa garaa itti kuufatu dhaabbatuun ni beekama. Akka kanaan magaala Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Ona 9 keessatti manni galmee Qophaa'inaa fi walta'insaa qaama waajjirootra kanneenii kan tahe 5/09/2013 ganama keessaa sa'a 6:30-tti guutummaan barbadaa'ee jira.
Tarkaanfiin dokumentiilee mootummaa Wayyaanee gubu kun kan fudhatamee fi milkaa'e iccitii hojjettoota waajjira kanaa irraa argame irraa ti kan jedhuun mootummaan Wayyaanees hojjettoota waajjira kanaa rakkisaa akka jitu hubstsmee jira.
Kana malees gama biraan gootich WBO qabeenya diinaa barbadeesse. Humni addaa gooticha WBO Godinaa Wallagga Bahaa keessa sosso'u tarkaanfii Fulbaana 6, 2013 fudhateen konkolaataa boba'aa(bottee) basaasa diinaa tokko guutummaatti barbadeessuu ajaji WBO godinaa kanaa ibsa baaseen hubachiise.
Konkolaataan boba'aa onoota Godinaa Baha Wallaggaatti argamaniif raabsu kun kan basaasa diinaa Koloneel Ammahaa Asgedom jedhamuu oggaa tahu, abbaan qabeenyaa kunis golgaa kanaan onoota Giddaa Ayyaanaa, Guttin, Saassiggaa fi kkf keessa sosso'uun ummata Oromoo kan basaasaa jiru dha. Konkolaataan diinaa kun magaalaa naqamtee irraa fageenya KM 10 Ona Guutoo Waayyuu bakka laga Lakkuu jedhamutti kan barbadeeffame tahuu kan ibse ajaji godinichaa, lakkoobsi boottee baareffamees A 05779 tahuu beeksisee jira.
I.U.Of!!