Guyyaa har’aa godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keesatti Poolisootni sirna Wayyaanee Kora bittinneessaa Jedhamuun beekaman humna hin beekamneen haleelaman.
Haala kanaan Nammotni hedduun Madaa’uun Poolisiin sirna Wayyaanee tokkos battalatti ajjeefamera Polisootni sirna Wayyaanee tajaajilan maqaa kora bittinneessaa jedhamuun beekaman magaalaa Jimmaa naanna’uun sodaa fi yaaddoo mootuummaan Wayyaanee keessa lixee jiruun poolisootaa hafanii fi uummata naannichaa keessatti soda guddaa galchaa jiru.
Haalli kun itti fufee sochii barattoota Oromoo fi qonnaan bultoota Oromooti sababaa jedhuun keellaalee ykn ittisa bahaa fi galma magaalaa irratti uumata nagaan deemu mara sakatta’a cimaan akka deemsisaa jiran gabaasi qeerroo godinichaa addeessa.