![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/416494_orig.jpg)
Koreen Hoji-raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo Guraandhala 19 - 23, 2015tti teessuma qabaate. Erga ABOn tokkoomee walgahiin akkasii tahuuf kun kan duraa tahuun walgahicha seensa-qabeessa taasisa.
Shaneen Gumii ABO, Qaamni Cehumsaa ABO fi Koreen Yeroo ABO guutuutti tokkoomanii gaaddisa tokkicha jalatti walmarihachuun murtiilee qabsoo keenya jarjarsaa dabarsuu danda'uu fi waliin hojiitti hiikuuf waliifgaluun mooraa qabsichaa keessatti danboobaa fi seexaa eda'eera.
Wanneen yammuu tokkoomne fuula duratti raawwachuuf murteeffannee turres hojiitti hiikuuf walgahiin kun haala aanjesseera. Tokkummaan humnoota qabsoo bilisummaa Oromoo daran akka dagaaguf qajeelfamni Gumiin Sabaa ABO lafa kaa'e itti fufee kan hojiitti hiikamuuf dalagamu tahuunis irratti waliifgalame.