Fimaata Fakkeessaa Wayyaaneen Gaggeessaa Jirtu Ilaalchisee
Diddaan Uummanni Oromoo Taasisaa Jiru Abdachiisaa Dha.
Ibsa Qeerroo, Amajjii 24,2015
Diddaan Uummanni Oromoo Taasisaa Jiru Abdachiisaa Dha.
Ibsa Qeerroo, Amajjii 24,2015
Ummanni Oromoo baroota 23 darban dararaa fi cunqursaan sirna bittaa mootummaa Wayyaanee jalatti irra gahe seenaa jireenya isaa keessatti takkaa argee kan hin beekne,hidhaa,ajjeechaa,arihamuu,biyyaa fi qabeenya saamamuu irra darbee qaamaa qalbiin manca’ee jira.
Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee filmaata Caamsaa 2015 keessa gaggeessuuf jecha uumatni Oromoo dirqiin akka isa filuu fi kaardii filatnnoo humnaan raabsuu eegalee jira.Ta’us cunqursaan baroota darbanii laalaan isaa hammaataa waan ta’eef ammos hacuucaa fakkaatu baadhachuu irra diddaa gabrummaa jabeessuun bilisa of baasuuf murteeffatee jira.Haala kanaan mootummaa cunqursaa filuu diduu fi kaardi har’aa fudhachuu diduu irratti hamma ammaa diddaa uumanni Oromoo muldhise jabaadha.Akka Qormaata maadheelee Qeerroo mootummaa keessaa argametti uumanni Oromoo dhibbentaadhaan yoo ilaalle Oromiyaa keessatti filannoof kaardii kan fudhate 5.6% kan hin caalleedha. Kun heddummina uumata Oromoo filuuf ulaagaa guutu waliin yeroo ilaalamu haalaan gadi bu’aa waan ta’eef diddaan uumati Oromoo taasisaa jiru jaran akka jabaatuu fi galmi isaa biyya ofii dhuunfachuun sirnaa fi mootummaa bilisa ta’e ijaarrachuu irratti akka dhaabbatu Qeerroon waamicha dabarsa.
Gabateen armaa gaditti argamu galmee qormaata Caasaan Qeerroo fimaata yeroo ammaa ilaachisee mootummaa keessaan qoratee dhiheesse dha.
Boordii Filannoo Akka Oromiyaatti Gaggeeffamaa Jiru
Lakk. Godinoota Baayina Bakka Filannoo Baayina Buufata Filannoo
1 Shaggar Lixaa 15 1187
2 Horro Guduruu 4 369
3 Wallagga Bahaa 10 796
4 Wallagga Lixaa 11 817
5 Qellem Wallaggaa 6 461
6 Iluu A/Booraa 11 986
7 Jimmaa 18 1530
8 Sh/Ki/Lixaa 9 961
9 Shaggar Bahaa 8 819
10 Arsii Bahaa 18 1394
11 Shaggar Kaabaa 10 982
12 Baalee 7 936
13 Gujii 5 569
14 Boorana 5 570
15 Harargee Lixaa 12 969
16 Harargee Bahaa 16 1569
17 Arsii Lixaa 11 960
18 Godina Addaa Oromiyaa 6 796
19 Bishooftuu 1 63
Ida’ama 183 16734
Gabateen armaa gaditti argamu galmee qormaata Caasaan Qeerroo fimaata yeroo ammaa ilaachisee mootummaa keessaan qoratee dhiheesse dha.
Boordii Filannoo Akka Oromiyaatti Gaggeeffamaa Jiru
- Akka Naannootti Head Office filmaataa Finfinneetti banamee jira.
- Godinoota Oromiyaa 18 keessatti hojii eegaleetu jira.
- Aanaalee Oromiyaa keessaa 178 tahan keessatti hojiin kan eegaleedha
Lakk. Godinoota Baayina Bakka Filannoo Baayina Buufata Filannoo
1 Shaggar Lixaa 15 1187
2 Horro Guduruu 4 369
3 Wallagga Bahaa 10 796
4 Wallagga Lixaa 11 817
5 Qellem Wallaggaa 6 461
6 Iluu A/Booraa 11 986
7 Jimmaa 18 1530
8 Sh/Ki/Lixaa 9 961
9 Shaggar Bahaa 8 819
10 Arsii Bahaa 18 1394
11 Shaggar Kaabaa 10 982
12 Baalee 7 936
13 Gujii 5 569
14 Boorana 5 570
15 Harargee Lixaa 12 969
16 Harargee Bahaa 16 1569
17 Arsii Lixaa 11 960
18 Godina Addaa Oromiyaa 6 796
19 Bishooftuu 1 63
Ida’ama 183 16734