![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/1089475.jpg?379)
(Oromedia, 6 Waxabajjii 2014)
Mana hidhaa mootummaa Itoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf dararamaa kan ture, sabboonaa Oromoo, Nimoonaa Tilahuun guyyaa har’aa addunyaa kana irraa boqote. Sababa gaaffii mirgaa fi bilisummaa Oromoo deeggareef humnoota tikaa wayyaaneetiin Waxibajjii 26, 2008 hidhattoota mootummaa konkolaataa gabatee isaa 3-F ta’een qabamee kan hidhame Nimoonaa Xilahuun, manneen qorannoo fi hidhaa Itoophiyaa kan akka Maa’ikalaawwii fi Qaallittii keessatti hiraarfamaa akka ture ni beekama.

“Namni mul’ataa jabaa qabu kun hojii barsiisummaa jalqabee otuu baatii tokko hin gahiin Poolisii Federaalaatiin ukkaamfame,” kan jedhan hiriyooti isaa yeroo sanatti ijaan argan, “Konkolaataa kana keessaa namootni uffata sivilii uffatan utaalanii bu’uudhaan balleessaa tokko malee barsiisaa Nimoonaa ukkamsanii fuudhanii sokkan,” jedhan.
Hiraarfama waggoottaan dheeraatiin dhukkubsatee wal’aansa gahaa dhabee kan ture sabboonaan Oromoo kun, yeroo sana irraa kaasee haga dhiyeenya kanaatti tajaajila gahaa dhabuu irraa kan ka’e hedduu hubamuu isaa ibsan.
“Woggootii ja’aan darbaniif Manneetii hidhaa Mayikelaawwii, Qaallittii, Qiliinxoo, akkasumas Ziwaayitti gidiraa ilmoon namaa arguu hinqabne baayee arge,” kan jedhan raga-baatoti kunneen sababa kana irraa kan ka’es dhukkuba irra bu’uu isaa mirkaneessan.
Yeroo hedduu erga hubamee booda akka yaalamuuf gara hospitaala Xiqur Anbassaa geessamus, qaamni isaa hubame deebi’ee dandamachuu waan dadhabeef du’a irraa hafuu hin dandeenya.
Nimoonaa Xilahuun sabboonaa, kutataa fi qaroo dhimma sabaa irratti ejjannoo jabaa qabu ta’uu hiriyooti isaa ragaa bahu.