Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 04,2014
Finfinnee
Onkoloolessa 04,2014
Finfinnee
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee manneen murtii Oromiyaa sadarkaa olaanoo irraa hanga gadaanaatti jiran harka isaa keessa galchuun mirgaa fi haqaa ummataa awwaaluu itti fufee jira. Ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafatanitti humna waraana isaa bobbaasuun qe’ee fi mooraa barnootaa keessatti jumlaan ajjeeseera. Kaan immoo qe’ee fi barnoota isaanii irra ukkamsee jumlaan hidhee jira. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo bal’eessaa tokko malee hidhee dararaa jiru ofumaaf himatee karaa dabballoota isaanis dharaan ragaa itti bahuun murtii sobaa irratti muraa jira. Qeerroo Bilisummaa Oromoo gochaa diinummaa wayyaanee kana gadi jabeessee balaaleffata.
1.Ummatni Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa mirga isaa kabachiisuuf waan gaafateef humni waraana wayyaanee Agaazii fi poolisiin federaala itti bobbaafamee yakka waraanaa uummata Oromoo irratti raawwatan. Kanaanis daa’ima ganna 7 hanga manguddoo ganna 80tti jiran utuu bira hin darbiin garaa laafina tokko malee jumlaan ajjeesanii yakka duguuggii sanyii (Genocide) uummata Oromoo irratti raawwataniiru. Yakka kanaafis hanga ammaatti itti gaafatamummaa hin fudhatin jira. Kana malees ummataa fi barattoota dargaggoota Oromoo umriin isaanii ganna 16 gadi ta’an dabalatee kumootaan mana hidhaatti ugguree itti roorrisaa jira. Mirga uumamaan qaban irraa mulqee murtii haqaa dhorkachuun gidirsuu irratti argama. Kan himatu, kan ragaa sobaa bahu, kan murtii dabaa ummata nagaa irratti dabarsaa jiru dabballootaa fi ergamtoota wayyaanee ta’uun mirkanaa’ee jira. Yakka hojjetamaa jiru, murtii dabaa fi diinummaa ummataa fi dargaggoota/barattoota Oromoo nagaa irratti kennamaa jiruuf abbootiin seeraa Oromiyaa fi Federaalaa dabballoota wayyaanee ta’an itti gaafatama jalaa miliquu akka hin dandeenye hubachuusna.
2.Abbootiinseeraa,Abbootiinalangaa, poolisiin qorataa Yakkaa, fiwajjiraalee haqaa Oromiyaa fi godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessajirtan hundi harka mirgaa mootummaa wayyaanee ta'uun murtii jallinaa,ragaa fihimata sobaa bu'uura godhachuun ilmaan Oromoo irrattiyakka diinummaa fudhachaa jirtaniif gaafatama jalaa hin baatan. Ilmaan Oromooyakka kana keessattibeekaas ta’e osoo hin beekin qoodafudhachaa jirtan yakka diinumaa kana keessa of baasuun ummata keessancina akka hiriirtan waamicha lammummaa isiniif dabarsina.
3.Waajjirri haqaa Oromiyaaakkasumas kanneen godinaalee keessaa, waajjirrii poolisii kutaan qorannoo yakka Oromiyaa figodinaalee fi OnootaOromiyaa garaagaraa keessatti argamtan ilmaanOromoo nagaa badii tokko malee qe'ee isaanii fi dhaabbilee barnootairraa humna waraanaan qabaman irratti ragaa kijibaa qindeessaa, ragaa sobaa irratti ba'aa jirtan. Kunhaqa awwaaluu fi olaantummaaseeraa darbuun mirga dhala namummaa sarbuu waan ta'eef, itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaaba'uu kan hin dandeenye ta'uu ni hubachiifna.
4.Caasaanmootummaa abbaa irree wayyaanee EPRDFqajeelfama abbaa irree hojii irra olchuuf manneen murtii Oromiyaakeessa diriiree jiru yakka uummata irratti rawwachaa, ragaasobaa qaanii tokko malee ilmaan Oromoo hidhaa jiran irratti ba’aa jira. Waan ta’eef, ummatniOromoo caasaa wayyaanee Habashoota gabrummaa leellisan, dabballoota sirnichaa ta’anii fi garaaf bultootaan ijaarame irraa waan eeggatu waan hin qabneef, dura dhaabbachuun mirga keenyaaf falmii wal irraa hin citne haagaggeessinu.
5.Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF yakka sadarkaa mana murtii idil addunyaaICCirratti isa himachiisu waraana isaan ummata nagaa meeshaa of harkaa hin qabnedaa'imman umrii 7 fimanguddootni ganna 80 kan keessatti argaman jumlaan ajjeesuu isaafragaanvedio fi suuraan deeggarame har'a fuula addunyaatti dhiyaachaa jira. Ragaan qabatamaan kun osoo jiruu abbootiin seeraa fi alangaa wayyaanee, himataa firagaasobaanummata hidha keessatti gidirsaa jiran. Gochi cubbamaa wayyaanee kun, himannaa seeraa addunyaa jalaa isa baasuu hin danda’u. Kanaaf, manni murtii Oromiyaa ilmaanOromoo nagaa humna waraanaan qabamanii hidhaa jirangaaffii tokko malee akka hiiksisu gaafanna.
6.Ilmaan Oromoo abbootii seeraa,alangee fi poolisii taatanii sababiisabboonummaa keessaniifmootummaa wayyaaneen doorsifamaa jirtan hundi yakka diinummaa ummatakeessan irratti dalagamaa jiru dura akka dhaabbattan, olaatummaa seeraa fimirga ummata keessanii kabachiisuuf akkahojjettan waamicha keenyaisiniif dabarsina.
7.Mootummaan wayyaanee karaa manneen murtii Federaalaa fi Oromiyaan murtiin jallaan Oromoota irratti dabarsuu fi dararaan mana hidhaa Maai’kalaawwii keessatti ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru ummata Oromoo daran kan qabsoo bilisummaaf onnachiisu malee, mirga isaa falmachuu irraa duubatti kan isa hin deebisne ta’uu Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ni hubachiisa.
8.Uummatni Oromoo, dargaggootni, barattootni, qonnaanbulaan, hojjettootni, poolisootni fi hawwaasniOromoo biyya keessa fi biyyoota alaa garagaraa keessatti argamtan yakkamootummaan Wayyaanee ummata keenya jumlaan ajjeesee,kaan hidhee,ragaasobaa irratti ba'uunmurtii jallaa irratti murteessaajiru kana dura gamtaan dhaabbannee mormii keenya haa dhageessisnu. Mirga waloon sarbamnedeeffachuuf tokkummaa keenya tikfachuun qabsoo FDG,warraaqsa karaanagaa fi dimokiraasiigaggeeffamaa jiru keessatti hirmachuun wareegama barbaachisu baasneebilisummaakeenyahaa gonfannujechuun Hoggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo ummataa Oromoo hundaaf waamicha dabarsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 03/2014