![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/121786712.jpg?139)
Waxabajjii 28, 2014
Addii Bilisumma Oromoo, Oromiyaa sirna Kolonummaa Itophiyaa jalaa bilisoomsuu fi walabummaa gonfachiisuu akeeka godatee kan ka'e ta'uu hubachuudhaan,
Akeeka kana bakkaan gahuufis wareegamni ulfaataan, qabsaawotaa fi uummata bal'aa Oromoon baafamu fi baafamaa jiraachuu qalbifatuun,
Waggota kurnaan dabraniif gargar baanee gurmuun qabsichaa hubamuun diinaaf aanjaa uumuun ifatti waan mul'ateef,
Rakkoo adda bahuu keenyaaf sababaa tahe human sadaffaan maleetti mariin furachuun gurmuu qabsoo bilisummaa Oromoo cimsuun dhimma belbeltuu yeroo tahuu amanuu fi hawwii qabsawotaa fi umatni bal'aan keenya tokkummaa ABOf qaban herega keessa seensisuun,
Dhaabotni ABO SHG-ABO fi QC-ABO jedhamuun beekamaa turre gargarummaa nu gidduu jiru furannee, dhaabicha deebisnee tokkoomsuu keenya ummata Oromoo, deggertoota fi firoottan Qabsoo Oromoo hunda oggaa beeksisnu gammachuu guddaani.