Sadaasa 3, 2014 (Oromo Liberation Front) — Qabsoo Bilisummaa Oromoo hirmaatnaa ummataan caalaatti utubuu fi sirna gabrummaatti xumura gochuuf bara 2005 ABOn ummata bal’aa Oromoof alagaan bitamuun nu haa gahu! Jedhee akka diina irratti finciluuf waamicha dabarse. Ummatni Oromoos waamicha Dhaaba isaa ABO irraa dabreef gammachuun ofitti fudhatee Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) guutuu Oromiyaa keessatti adeemsisuun tarkaanfii boonsaa yoomiyyuu yaadatamaa jiraatu fudhate.
Fincilli bara 2005 itti fufame bifa adda addaa fi sadarkaa adda addaatti adeemsifamaa har’a gahuunis haqa qabatamaa fi mul’ataa dha. Itti fufi Fincilli Diddaa Gabrummaa bara 2005ni kunis baatii Eblaa Bara 2011 irraa eegalee muratoo ilmaan Oromoo Qeerroo fi Dargaggoon haaraatti bifa jarmyaa qabatee caalaatti ol kaafame guutuu Oromiyaa waliin gahee akka itti fufetti jira. Fincilli Qeerroon Bilisummaa ol kaafame hirmaatnaa ummata bal’aa Oromootiin tumsamuun kan mooraa diinaa raase QBO ammoo galii isaatti dhiheesse tahuu FDG bara 2014 keessa adeemsifamaa turee fi jiru caalaatti mirkaneessa.
Fincila ummata Oroomoo qooda ola aanaa Qeerroon finiinaa jiru ummata Oromoo keessaa fi ala jiraatu irraa tumsaa fi deggersa ol aanaa argatuu danda’uun isaas hammeenyaa fi daba ummata Oromoo fi Oromiyaa keessatti hojjatamaa jiru addunyaaf ifa gochuu dandeessiseera. Injifannoon galmeeffame kunis laafaatti kan hin argamne tahuun ammoo eenyuyyuu jalaa dhokataa miti. Ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu tahuu ifatti mul’isuuf wareegama qaalii fi ulfaataa baaseera. Wareegama lubbuu, qaamaa, qabeenyaa fi kan biroo maallaqaan hin shallagamne irratti baasaa jira.
Ibsa Guutuu