![Picture](/uploads/1/5/6/9/15691064/1404458.jpg)
(Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 26,2013)
WBOn Baha Oromiyaa keessa sosso'u humna diinaa haleelee loltoota 2 irraa ajjeesuun 3 madeesse. Tarkaanfii kun Sadaasa 17, 2013 Dhiha Harargee Ona Mi'eessoo bakka Baddanaa jedhamutti fudhatamuu ajaji WBO Godinaa Dhiha Hararge ibsa baase keessatti hubachiise.
Kana malees humni addaa WBO Sadaasa 20, 2013 humna diinaa sakattaaf bobba'e Dhiha Hararge Ona Bookee naannoo Daakataa bakka Leenca jedhamutti rukutee 4 irraa ajjeesuun 7 madeessuu ajajni WBO dabalee hubachiise.
Humni diinaa bakkaa bakkatti WBOn rukutamaa jiru kun kasaaraa irra gahaa jiruun aaree akka aadaa isaa ummata irratti haaloo bahuuf hiraarsuu irratti bobba'u ibsi ajaja WBO godinichaa dabalee beeksisee jira.
I.U.Of!!