(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 17, 2013)
Muddee 2,.2013 Harargee Dhihaa naannoo Mi'eeysoo Karaa Finfinnee - Harar deemurratti bakka Hiddaa jedhamtti murna hawwisoo qophii ayyaana Wayyaanee kan Jijjigaa irratti argamuuf otobisaan sosso'aa ture dhaabuun qabeenyaa fi mihoota isaanii kan gara garaa erga irraa dhunfataniin booda barsiisuun gadi dhiisan. Tarkaanfiin kunis murna dargaggoota Oromoo Dhaabaan gurmeeyfamaniin fudhatame.
Guyyuma kana Muddee 2, 2013 Harargee Dhihaa ona Doobbaa bakka Sareer jedhamutti humni addaa WBO lukkee diinaa tokko dhunfatuun hidhannoo harkaa qabu kilaash irraa hiikkachiisee gorsuun gadhiise.
Gama biraan humni addaa WBO Harargee Dhihaa keessa sosso'u Muddee 3, 2013 naannoo Biyyoo karaabaa Araddaa Dirree Bal'oo bakka Daara-Shuunaa jedhamutti tarkaanfii fudhateen ajajaa humna poolisaa tahuun gocha farrummaa ummata irrattii raaw'ataa ture Umar Usmaan kan jedhamu madeysuun hidhannoo isaa shiguxii tokko irraa hiikkate. Kana malees Muddee 4, 2013 Ona Afdam bakka Gulubee jedhamutti humni addaa WBO tarkaanfii humna diinaa irratti fudhateen diina irraa 5 ajjeesee 8 madeeysuu ajaji WBO Godinaa Dhiha Harargee ibsa baaseen hubachiisee jira.
I.U.Of!!