Gabaasa Qeerroo Fulbaana 30, 2013 Finfinnee
Akkuma beekamu akka biyyoleessattis tahee akka addunyaatti kan beekamaa jiru guyyaan kabajaa ayyaana irreeffannaa magaalaa Bishooftutti Fulbaana 29 xmuramanee jira. Akkuma Qeerroon dursee uummanni Oromoo nageenyaan irreeffatee gara manaa isaatti galu labsama ture kanaan durfamee uummanni Oromoo hora Harsadee kana irratti nageenyaan irreeffatee milkaa’ee jira.Haata’u malee akkuma amaleeffate mootummaan wayyaanee guyyaa kana ilmaan Oromoo hidhuuf akeekkatee ka’ee jira kun duras kan guyyoota ayyaana oromoo irratti dargaggoota Oromoo hidhuun gidirsaa turuun isaa kan haalamu miti.

Shakkii fi sodaa isaa irraan kan ka’e uummata bal’aa guyyaa jala bultii irraa kaasee hanga Fulbaana 29 tti magaala Bishooftuu fi naannoo isheetti konkolaataa dhaabsisuun korojoo uummataa hanga borsaa isaaniitti sakattaasisaa turuun isaa ifaadha. Akka karoora mootummaa wayyaanee irreecha baranaa kana irratti qophiin isaanii ciminaan akka irratti qophaayaa ture keessattuu dargaggoota oromoo hidhuuf karoorsee akka ture gama caasaa mootummaatiin odeessi isaa nugahaa tureera. Uummata Oromoo hora Harsadee kana irratti argaman gidduutti haala adeemsaa fi yaada uummataa kan toohatan huccuu civil fakkeessuudhaan tikoota isaa uummata keessa tamsaasee akka ture hubatamaa dha.Ilmaan Oromoo doorsisaa fi akeekkachiisa inni mul’isaa ture kanaaf sodaa fi boodatti jechuu malee uummanni bal’aan kuni ayyaanicha jalabultii irraa eegaluun haala oo’an kabajanii oolanii jiru. Guyyaa; Fulbaan 29 uummanni Oromoo magaalaa Bishooftuu,Dukaam Sabbataa fi bakkoota adda addaa akkasuma daandii gubbaa asii fi achi socho’uudhaan sirboota aadaa fi seena uummata bal’aa faarsu weellisuun maalummaa fi sabbonummaa uummata oromoo kabachiisaa fi beeksisaa turaniiru. Sirboota aadaa uummata oromoo keessaa kan weellifamaa turan keessaa: Yaa Oromoo aadaan bade galte,Yaa sabakoo siiqqeen bade galte,Caaccuun badde galte,kallachi bade gale,calleen badde galte,jechuudhaan ganama obboroo sa’a 6:00 irraa kaasanii hanga galgala keessaa sa’a 2:00 tti sirbuudhaan akkasuma uummanni hunduu uffannaa aadaa oromootiin miidhagina guddaa walitti horuudhaan magaalaa Bishooftuu fi naannoo isheetti uummata biroo fi mootummoota wayyaanee yaaddessuu fi rifaasisuudhaan kabajaa irreeffannaa nagaadhaan xumuramee jira.
Guyyaa irreeffannaa hora Harsadee kana irratti artistootni waggaa waggaadhaan kan afeeraman akkasuma hawwisoo garagaraa waliin Hoteela Siifan ykn ammo bakka Si’I jedhamutti kan qophayaa ture beekamaadha. Kan baranaa Fulbaana 29 ,2013 kunis hoteeluma kanatti yoo tahu,haati hoteela kanaa aadde Meetii Kabbadaa dhuunfaa isheetti artistoota fi hawwisoo garagaraa ofii isheef sponsara tahuudhaan uummata oromoof afeerraa guddaa gootee jirti. Artistoota afeeraman keessaa Waaritee Furii,Addisuu Furgaasaa,Amiin Husseen kanneen jedhamantu affeeramuudhaan uummata oromoo booharsaa turaniiru. Uummanni Oromoo bakka kanatti argaman sirboota weellistoota kana irraa dhiyaatu qofa osoo hin taanee uummanni wal tahuudhaan bilisummaa uummata oromoo fi walabummaa Oromiyaaf gootota wareegaman akkasuma WBO faarsuudhaan diinatti mataa bowuu tahanii jiru. Duma irrattis haati hoteelaa aaddee Meetii Kabbadaa dhaamsa qabdu uummata oromoof akka kanaa gadiitti dhaamsa dabarsitee jirti.
1. Uummanni oromoo kan addunyaan dhugaa nuuf bahu hanga har’aatti hayyuu fi beektota hedduu qabaachuu isaati.
2. Irreecha kabajuun aadaa uummata bal’aa kan uummata oromooti malee sirnma amantaa qofa irratti kan hundaa’e miti,kana hubattanii uummanni oromoo martinuu yeroodhaan hora irratti irreeffannu irrattia kka argamtan isin hubachiisna.
3. Nuti sabni bal’aan aadaa fi seenaa keenya yoo hin mul’ifnu tahe ykn hin dagaagsinu tahe diinni keenya dhufee nuuf guddisu ni barbadeessa malee, kanaaf nuti waaan keenya kabachiisuutu nurraa eegama,maqaa itti gochuu seenaa fi aadaa keenya addunyaatti beeksisuutu nuuf dirqama taha.
4. Barri itti darbinee jirru saba keenyaaf bilisummaa biyya keenya oromiyaaf walabummaa akka tahu hawwii guddaadhaan ibsadha.
Kun galma hoteelaa keessatti yoo weellifamu akka walii galaatti guyyicha guutuu bakkee adda addaa fi naannoo horaattis Qeerroon wal gahuudhaan siboota qabsoo garagaraa kan uummata oromoo kakaasu sirbuudhaan diina afaan faajjessanii jiru.
Sirboota qabsoo fi jaallan bilisummaan wareegaman uummata oromoo yaadachiisuudhaan keessattu sirba jaal Eebbisaa Addunyaa sirbuudhaan jaallan wareegaman kanneen akka E/r Tasfaahuun Chamadaa,Laggasaa Waagii fi kkf hunda faarsaa turaniiru. Akkasuma uummata oromootti abdii fi jajjabina kan tahu sirboota hanga yoomitti falaxaa danqaruu,hanga yoomitti alagaa gabbaruu,hanga yoomitti falaxaadhaan muka jedhu hanga yoomitti alagaadhan fira jedhu,………. Jedhuun sirboota kanneen ummata oromoo dhageessisuun diinatti yaaddoo uumataaf abdii tahuudhaan qeerroon guyyaa kana irreeffatee gara qe’ee isaatti nagadhaan galeera.
Haalota mul’atan irraa jechuun haala sochii wayyaanee irraa kan hubatamee jiru guyyaa kana Akkuma Jalbultii Ayyaana Irreechaa Irraatti gabaasuu yaalletti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee humna Waraanaa of harkaa qabuu bobbaasuun daandiiwwaan dhihaa Oromiyaa Godinotaa akka Wallaaggaa Bahaa Neqemtee, Horroo Guduruu irraa kanneen dhufaan Lixaa shawaa Geedoo irraatti dhaabuun uummataa sakattaa’aa ture, Dabalataan Lixaa Shawaa Amboo, fi Burraayyuu irraatti sakkata’insii guddaan gaggeeffamuun Onotaa Akka Jalduu, Midaa Qanyii, Xuqur Incinnii, Gudar, Ginda Barat, Meettaa Roobii, Adaa’aa Bargaa, Burraayyuu irraatti Ummataa konkolaataa kontiraataan deemaa jiruu dhaabanii sakkatta’uun isiin ABO dha jechuun doorsisuun uffataa aadaa Oromoo Uffatanii deemaan illee kun kan Alaabaa ABO argisiisuu jechuun uummataa doorsisuun konkolaachiftootaan illee kanaan boodaa qaallittiitti hidhamtuu ABO feetanii deemaa jirtu jechuun Ummata Oromoo Lixaa Oromiyaa irraa haalaa Qindaa’aa fi miidhagaa ta’een Ayyaanaa Irreechaa kabajachuuf deemaa jiruu irraatti uggurrii wayyaaneen keessee diddaa goototni Oromoo godhaniin Godinaa Wallaaggaa Lixaa irraa Ummaannii konkolaataa Saddetiin, Godinaa Wallaaggaa Bahaa irraa Ummaannii konkolaataa 12 Godina Horroo Guduruu Irraa Ummaannii konkolaataa 9n Godinaa Lixaa Shawaa irraa Ummaannii konkolaataa 17 godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Irraa konkolaataa 7, Godina kibbaa lixaa Shawaa irraa konkolaataa 6 ummaannii gurmuun walqindeessuun saganteeffaachuun walitti dhaammatee kan argamee ta’uu maddeen keenyaa qindoomina Ayyaanaa kanaa irraatti hojjeechaa turan sirnaan gabaasaniru.Gama biraan namoonni suuraa fi Video waraaban addattis dargaggoonni Oromoo kallattii adda addaa irraa wal qindeessuun walleelee dhageessaa waraabbii Video waraabaa turan namni afur loltootaa fi human tika Wayyaaneen qabamuun waan waraabanii fi meeshaa waraabbii Camera isaanii irraa samuun isaanis hidhamanii jiru. Kanneen kunis.
1. Tarreessaa Haayiluu-Amboo irraa
2. Firoomsaa Oljirraa-Amboo irraa
3. Biqilaa Dibaabaa-Amboo irraa
4. Dasgoraa Ittaanaa-Baakkoo irraati.
5. Samu’el Ittaanaa barataa Y.Kiloo 6 fi jiraataa FF
Gama biraan dargaggoonni hedduun isaanii yoo qabamnes ni qabamna.Yoo duunes ni duuna jechuudhaa muratanii huccuu alaabaa ABO qabu uffachuudhaan irreeffannaa kana irratti argaman isa irrattis sirboota qabsoo hedduud dhageessisaa kan oolan sodaa tokko malee diina garaa gubaa uummata Oromoo boonsaa oolaniiru. Miidiyaa wayyaaneef waraabbiin akka hin taane Qeerroon dura goruun hin milkaa’in hafee jira,kan hubatamu mootummaa wayyaaneetti 1ffaa baayinni uummata Oromoo kunis yaaddoo itti tahee akkasuma yeroo ammaa uummanni Oromoo bakka jirutti tokkummaadhaan jiraachuu fi walitti deemuu fi waliin deemuu irratti hubatee sodaa keessa seenuun isaa ifaadha,kanneen wal qabatanii wayyaaneetti sodaa guddaan tahee jira.
Dhoksaa bakka uummanni oromoo hin arginee fi hin jirreetti namoota tokko tokko kan shakkan qabaniiru kan jedhu odeeffannaan ni jira kanneen garuu qulqulleeffannee kan dhiyeessinu ta’a hanga ammaatti waan qulqulleeffanne hin qabnu garuu namootni wayyaanotaan toohannoo jala galan jedhu ni jira,kun hordoffiin isaa gama keenyaan jabaatee itti jira kan irra geenya ni dhaamna.
Walumaa galatti uummanni Oromoo tilmaamaan hanga miliyoona 3 tu bahee irreeffate kuni nageenyaan akka bahetti gara qe’ee isaatti debi’eera jechuun ni danda’ama! Namoota muraasa tikoota wayyaaneen qabamanii qabeenyi kan akka Camera fi waan adda addaa irraa samame keessaa Namootni kuni yakka tokko malee akkasumatti qabamanii deemani. Akka jedhamutti namoota duraan wayyaaneen hordofaa jirtu amma bakka argachuudhaan qabaniidha,isaan nu gahanii jiran maqaan isaanii murta’aadha kaan hafan hordofnee kan dhaamnuudha.
6. Tarreessaa Haayiluu-Amboo irraa
7. Firoomsaa Oljirraa-Amboo irraa
8. Biqilaa Dibaabaa-Amboo irraa
9. Dasgoraa Ittaanaa-Baakkoo irraati.
10. Samu’el Ittaanaa barataa Y.Kiloo 6 fi jiraataa FF
Kanneen hafan bakkoota adda addaa itti hucuu aadaa waliin qabamanii hidhaa kan jiran nama 47 dha.Jara kana ammaaf naannoo Dukamii itti qabdee jirti. Guutummaan maqaa fi bakka irraa qabaman gama fuula duraatti ni gabaafama.Hunda irra waan nama dhibuu uumata keenyas guddoo aarsee jiru keessaa inni guddaan, guyyuma uumanni Oromoo Irreecha kabajatu Warri Habashaa magaalaa Finfinnee keessatti hiriira bahanii turan,Muutummaan Wayyaanee nama irraa qabdee hiite hin agarre.Ammoo Oromoo nagaan malkaa isaa irratti Irreefachuuf deemu karaatti qabdee hiraarsuu fi mannen hidhaatti guuraa turte. Gidiraan daangaa dhabeessi akkasii hamma yoomiittii??
Qabsoon itti fufa Gabarummaan ni kufa!!